amok
Narra hin jiru waanjoon durii Dhiigaan kaaste narraa xurii Dhamaatiikoo naaf dhamaate Anaaf duutee du'aa kaatee Sila akkaa cubbuukoof Babbaddeetti lubbuunkoo Garuu jaalalakeenii Nan oolee araaraakeeni Garbummaan hin jiru An bilisoomeeraa Dhiiga gooftichaatiin Ifa argadheera Ifan argadhe Addunyaayyuu hin ibsaa Ifan argadhe dukkana ittisaa Ifan argadhe Dawwaadha cubbuufi Ifan argadhe . Abdiidha lubbuufii Ifa guddaa dukkanako ibse Qulqulloko dhiigasaa naaf dhiigse Na gochuufi inni nama guutuu Ofiif due tae bakka buutuu Ato lubbuu naaf laatte animmo Maal siif godhu Hin tuffatin waaqakoo Galatakoo fudhadhu Ati baatte ofiikee Lubbuukee gootee aarsa Anis siif hin qusadhu Onneekoorraan si faarsa Maafan sin faarsu Libbuunkoo sin fayyite Maafan sin faarsu Waan hedduu siin darbitee Maafan sin faarsu Yaaddookoo cirte narraa. Maafan sin faarsu Dhiigakeen bante karraa
You may also like

Leave a comment
See track description ↑
Legend! 👑