sabniko

0:00
0:00
sabniko

Sabnikoo Saba guddaa Biyyikoo hammattuu hundaa Oromummaa fayyaakoo Filee naaf kenne uumaankoo Oromiyaa biyyakoo oromummaa Dhiigakoo Rabbii naaf kenne eenyummaako Kan rabbii olkaase maaltu gadi qaba Kan nu cabsu yaalee ofiisaati caba An sanyii elemoo elemoo ilma qiltuu Rasaasa isaa tokkoon kan xiyyaarri buutu Ani sanyii taaddee taaddee ilma birru Rabbiituu nuuf gute nuti hin qabnu hirru an sanyiin eebbisaa afaankoo leellisaa an sanyii taaddasaa aadaakoon olkaasa eenyummaakoon baasaa maaliifan asaasa Afaan oromoo hundee oromumma Ibsituu keenya mallattoo eenyumma Nuti ilmaan aliiti kan alii birraa Nuti ilmaanke kaayyooketif jirra Bara dukkana aarsaa kaffale  Waa'een bilisummaa kan issaf gale Bara dukkana afaansaa beeksise Eenyummaasaa baasee afaansaa leellise Sabnikoo Saba guddaa Biyyikoo hammattuu hundaa Maaf of tuffatta eenyummaakee maaf dagattaa Afaankee guddaa dubbachuuf maaf qaanfatta Situ hin beekne malee oromoon sanyii guddaati Sanyii taaddeeti bar ati inni leenjisaa mandeellaati Ibsituun eenyummaa jalqaba afaanii Afaanke jibbite hin hawwin kan kaani an sanyiin eebbisaa afaankoo leellisaa an sanyii taaddasaa aadaakoon olkaasa eenyummaakoon baasaa maaliifan asaasa Abbaa biyyaa Abbaa biyyaa Anuma bar laftis kiyyaa Sanyii gootaa warra guddaa Itoophiyaan bar nuyi lafeen duddaa Ni ijaarree biyya itti dhiignee Garbummaa qolanne lolle diigne Yoom biyya alagaaf dhiisne Lugna miti galle hin ciisnee Dur duriyyu saba qaroome Addunyaadhaaf dimookiraasi  arjoome

2 Comments

Leave a comment

Author
10 months ago

See track description

10 months ago

Legend! 👑

User avatar
827
Total plays
34
Followers
17
Following

You may also like