Aariikoon walaleessa

0:00
0:00
Aariikoon walaleessa

Aariikoon walaleessa Xiqiiniin yeedaleessa Isa riphe na keessa Yoo dhuka'e ba'essa Ukkaamsuuf yaalee yaalee Obsaanis of ilaalee Dide humna na caalee Of keessaa baasuun yaalee Voolkaanoodhamoo waansaa Maaltu na keessaa danfaa Atis Nan gaafatin  Anu kuman of gaaffaa   Fedhiikoo gara yaabee Qaamakoo goda dhaabe Galmakoo ga'u dhabe Qalbiinkoo ana cabe Aariikoon walaleessa Xiqiiniin yeedaleessa Isa riphe na keessa Yoo dhuka'e ba'essa Quufeera rakkadhee narraa kaasi rabbii Yaaddoon natti marsee ana cabsee qalbi Jireenyan hin feenee jiraadhe dirqamee Keessaa bauuf yaaleen dadhabe cinqame Boruu naaf darbaadhaaf ciniinnadhee obse Rakkoon dabalame qalbiikoo na cabsee Balballi gammachuu maaf narraa cufame Galaanni rakkina maaf narra kuufame Mee boqonnaa kenni lubbuunkoo cinqamte Siaa galateeffattu rakkoorraa hiikamte Si haa ga'u jedhi  Narraa kaasi rabbi Dadhabeera Ani  Harkakoo na qabi Humnikoo laafteetti Atumti na tumsi Jiruukootti darbi Abjuukoo dhugoomsi Milkaaera jedhe  Abdii irra kaawwadhe Deebietan dhabe Ija axaawwadhe Maaliifi anaaf tae Rakkinni irbaataa Hin gaa naan jedhi Situ naaf birmataa

2 Comments

Leave a comment

Author
11 months ago

See track description

11 months ago

Legend! 👑

1
User avatar
827
Total plays
34
Followers
17
Following

You may also like