dubbi ciigoo
dubbi ciigoo soogoof sorkoo irraan dhagaa keessaan boorko fofottoqaa rirmi nyaate kan dhaabbatu fakkaate bara soba bara xaxxuu gaarii hin feene baxabaxxu yaa'i jibbaa falmi dabaa yartuu sobaan ta'e jabaa of dhaadessaa hamma Sami walawwaltu korma hami korma dhugaa dhooftee awwaaltuu sobaaf jettee kan wawwaattu fafakkaacha sitti malti firumashe firri qalti tokko kooree tokko joore. maali Kuni baramoore dubbi ciigoo soogoof sorkoo irraan dhagaa keessaan boorko erga uumamte nama taatee dachiirratti maal argite hireen kanke maal siif laattee rakkoodhamoo wanta gaari SI badhaafte quufadhamoo tarii beela kooruudhama ykn eela qaama guutuu qabdaa ni sochootaa ni taphatta ni dhageessaa ni daawwatta moo qaama irratte maafin dhabe quba nyaatta jireenyi addunyaa buutee baatuu tokkoof taatee tokko hin taatuu tokko gootee garba tokkos mooti tokko olkaaste kaan gad gooti kan tokko hawwu kaan quufe jibba tokko hin gadda kaani hin sirba maaliif kankoon fala hin fidu hiree Isa hoomtu hin didu dubbi ciigoo soogoof sorkoo irraan dhagaa keessaan boorko Mee maal qabda maal argite ofiikeerra rakkookeemo kan dhabduudha xiyyeeffannoo kamiif laattee kan dhabdemoo kan qabduudha kan hireen sii hin laanne dhiisi kan hireen siif laattee tiksi kan hin qabne boruu fidda of jabeessuu maaliif didda nama jabaa of jaallatu kan guddachuuf tattaafatu rakkoo sodaaf kan hin ciisne abdi mure kan hin ciisne ofiif ta'i goota dhuga jabaa ta'i falmadhuga wanta feetuu rakkoof jettee maaliif dhaabda gaara kaayyookeeti. yoo jabaatte qofa yaabda kufte hin ciisin kuftus ka'i carraaqqadhu abjuukeetiin walitti ba'i
You may also like

Leave a comment
See track description ↑