bd

0:00
0:00
bd

gamaaf gamana gore xiiqiin xiiqi Wal hore dhiiga hiyyeessaa core akkuma kubbaatti rasaasaa Wal oofee Isa humna qabne hiyyeessota soofee Isa dhagaamne hoomaa sagaleensaa akkuma hoolaatti badeka lubbuunsa yaa rabbi barbaadi hin hafin cubbuunsa duru hiyyeessota sinatu kunuunsaa gadi bae yaaddaa akka itti galu haqasaa barbaadi kuni isaaf hin malu ijikee inni hunda ilaaluu madaa lammiikoo haa yaalu faradikaa sidha abbaan firdii haqaa utuuti ilaaltu dhugaan maaliif maqaa godaannisa keenya situ nurraa haqaa na jijjiira jette ilmoo haati guddifattetu awwaltetu galte mudhii gudunfattetu yaa rabbi ilaali Kan bu'e imimmaanshee gumaa ati baasiifii Kan du'e ilmaanshee. iji keenya argu jibbe mormaa namaa muramu nama jimlaa du'e boolla tokkotti guuramu nagaa hawwe Ammi nama deebisiifi nagaasa ganama sitoo amanamaati nagaa keenya durii hawwineerraa si malee humna hin qabnu angineerra waan dandeenyu hundaa yaalleerra waa'ee keenya hunda sitti laanneerra eegaa hin Turini atumti nuu ka'i bakka nuti yaannee dafiiti nu ga'i nu bira dhaabadhu wabi keenya ta'i

Be the first who leave a comment.

Leave a comment

User avatar
827
Total plays
34
Followers
17
Following

You may also like